Asnake Erko 0

Requesting Oromo leadership convention and Global Gumii Oromia to work together

35 people have signed this petition. Add your name now!
Asnake Erko 0 Comments
35 people have signed. Add your voice!
4%
Maxine K. signed just now
Adam B. signed just now

Yaa’ii Hoggansa Oromoo Washington DC fi Global Gumii Oromia Minnesota akka waliin hojjetan gaafachuu

Yeroo ammaa kana diinni Oromoo biyya keessatti halkanii guyyaa fixaa, hidhaa saamaa jira. Keessa darbee tuffii qaburraa saboota ollaa Oromiyaatti bobbaasee nu buqqisaa saba keenya ficcisiisaa jira. Saba Oromoo kan ta’e marti gocha diinaa kana yoo argu hedduu jeeqama jira.

Kana ofirraa qolachuuf Sabni Oromoo gurmuu tokko ta’ee walirratti osoo hintaane fuula gara diinaa deeffachuun waan wal nama hingaafachiifne. Kuni ta’ee osoo jiruu Oromoon biyya alaa jiru gareedhan walqoodee goodoo adda addaa ijaarrachuun walirraatti duulun hamilee saba keenya biyya keessa jiruu hedduu miidhaa jira. Dargaggoota osoo jireenya hinargin dhumaa jiran kana gocha diina caalaa hamilee isaanii cabsaa jirra. Gochi diinaa yoo xiiqii isaan galchu gochi kuni hamilee isaanii cabsa.

Kunis kan ta’eef dhuma bara 2016 irraa kaasee gareedhan walqoodun ifatti waan mul’achaa dhufeefi. Yeroo korri Atlantaa qophaaye Oromoo abdii guddaa horatee ture. Akkuama korri suni xumurameen gareedhan wal fuuldura dhaabbannaa mul’ate Oromoo walitti dhufuuf jedhame abdii kutachiise. Waldura dhaabbannaan suni amma gahee yeroo ammaa akkuma arginu kaayyon tokko ta’ee osoo jiruu gareen lachuu kora yaamanii jiru:

  • Yaa’ii Hoggansa Oromoo, Washington DC
  • Global Gumii Oromia, Minnesota

Kanarra darbee garee kuni ammas akka garee midiyaa OMN fi ONN waldura dhaabbannaa bira darbee diinaf wal saaxiluus gahuu isaa waan mul’ate.

Kanas kan humneessufi ijaaru ykn diigu garee nama muraasaa osoo hintaane nu hawaasa Oromoo kan itti hirmaannu. Garee tokko qofa bira dhaabbaachuun akka Oromoo diigutitti waan laalamuuf saba keenya biyya keessaa hamilee cabsaa waan jiruuf akkasumas human Oromoo facaasa waan ta’eef gareen lachuu akka walitti dhufee kora waliin dalagu gaafanna.

Nuti akka saba Oromootti diiggan diinaa nu gaheera. Human keenya facaasaa jira. Dhuguma saba Oromootif dalagdan yoo ta’e xiiqii seenuu dhiiftanii akka ifatti waliin hojjechuuf ummata keenyaf waadaa seentan gaafanna. Gareen kana didee akka saba Oromoo tuffatetti laalamee sabni Oromoo deeggarsa gochuu dhiisa.

Gaafin keenya:

  • Yaa’in Hoggansa Oromoo (Oromo leadership convention) Washington DC tti Bitootessa 10 -12, 2017 ta’uuf deemufi Global Gumii Oromia Ebla 14-16, 2017 Minnesota tti ta’uuf deemu akka waliin dalaguu fi fuulduratti bakka lama osoo hintaane bakka tokko ta’u,
  • Mediyaalen Oromoo OMN fi ONN masaanuu ta’uu dhiisanii obbolaa lameen wal deeggaran akka ta’an

Mallattoo Kanaan gaafanna.

Qindeessitoonni kora lachiituu gaafii saba Oromoo kanaaf yeroo gabaabduu keessatti akka deebii quubsaa kennan gaafanna.

Injifannoon kan saba Oromooti!

Share for Success

Comment

35

Signatures