Status: Closed — this petition is no longer accepting signatures.
Final supporters
Yaa’ii Hoggansa Oromoo Washington DC fi Global Gumii Oromia Minnesota akka waliin hojjetan gaafachuu
Yeroo ammaa kana diinni Oromoo biyya keessatti halkanii guyyaa fixaa, hidhaa saamaa jira. Keessa darbee tuffii qaburraa saboota ollaa Oromiyaatti bobbaasee nu buqqisaa saba keenya ficcisiisaa jira. Saba Oromoo kan ta’e marti gocha diinaa kana yoo argu hedduu jeeqama jira.
Kana ofirraa qolachuuf Sabni Oromoo gurmuu tokko ta’ee walirratti osoo hintaane fuula gara diinaa deeffachuun waan wal nama hingaafachiifne. Kuni ta’ee osoo jiruu Oromoon biyya alaa jiru gareedhan walqoodee goodoo adda addaa ijaarrachuun walirraatti duulun hamilee saba keenya biyya keessa jiruu hedduu miidhaa jira. Dargaggoota osoo jireenya hinargin dhumaa jiran kana gocha diina caalaa hamilee isaanii cabsaa jirra. Gochi diinaa yoo xiiqii isaan galchu gochi kuni hamilee isaanii cabsa.
Kunis kan ta’eef dhuma bara 2016 irraa kaasee gareedhan walqoodun ifatti waan mul’achaa dhufeefi. Yeroo korri Atlantaa qophaaye Oromoo abdii guddaa horatee ture. Akkuama korri suni xumurameen gareedhan wal fuuldura dhaabbannaa mul’ate Oromoo walitti dhufuuf jedhame abdii kutachiise. Waldura dhaabbannaan suni amma gahee yeroo ammaa akkuma arginu kaayyon tokko ta’ee osoo jiruu gareen lachuu kora yaamanii jiru:
- Yaa’ii Hoggansa Oromoo, Washington DC
- Global Gumii Oromia, Minnesota
Kanarra darbee garee kuni ammas akka garee midiyaa OMN fi ONN waldura dhaabbannaa bira darbee diinaf wal saaxiluus gahuu isaa waan mul’ate.
Kanas kan humneessufi ijaaru ykn diigu garee nama muraasaa osoo hintaane nu hawaasa Oromoo kan itti hirmaannu. Garee tokko qofa bira dhaabbaachuun akka Oromoo diigutitti waan laalamuuf saba keenya biyya keessaa hamilee cabsaa waan jiruuf akkasumas human Oromoo facaasa waan ta’eef gareen lachuu akka walitti dhufee kora waliin dalagu gaafanna.
Nuti akka saba Oromootti diiggan diinaa nu gaheera. Human keenya facaasaa jira. Dhuguma saba Oromootif dalagdan yoo ta’e xiiqii seenuu dhiiftanii akka ifatti waliin hojjechuuf ummata keenyaf waadaa seentan gaafanna. Gareen kana didee akka saba Oromoo tuffatetti laalamee sabni Oromoo deeggarsa gochuu dhiisa.
Gaafin keenya:
- Yaa’in Hoggansa Oromoo (Oromo leadership convention) Washington DC tti Bitootessa 10 -12, 2017 ta’uuf deemufi Global Gumii Oromia Ebla 14-16, 2017 Minnesota tti ta’uuf deemu akka waliin dalaguu fi fuulduratti bakka lama osoo hintaane bakka tokko ta’u,
- Mediyaalen Oromoo OMN fi ONN masaanuu ta’uu dhiisanii obbolaa lameen wal deeggaran akka ta’an
Mallattoo Kanaan gaafanna.
Qindeessitoonni kora lachiituu gaafii saba Oromoo kanaaf yeroo gabaabduu keessatti akka deebii quubsaa kennan gaafanna.
Injifannoon kan saba Oromooti!
More like this
Petition for Emergency ECAA Meeting August 24, 2025 2:00 PM
Urgent Appeal on Government Induced Division s, Necropolitical Policies and Threat of Ethnic Cleansing and Religious Genocide Against Ethiopian Orthodox Tewahedo Church
Updates
February 24, 2017
I have been hearing from so many of you who are absolutely exhausted by this constant division while our people face such severe struggles back home. It feels like we are losing so much time and energy on internal friction when the focus really needs to be on the bigger picture of what is happening on the ground. I am trying to connect with a few people behind the scenes to see if there is any appetite for a real conversation between all sides because the current path is just not sustainable for us anymore.
February 24, 2017
I really thought this might just float around in the void but seeing everyone pushing for unity makes me want to cry honestly. It is just heartrending to see how much people crave a single direction when things are so bleak back home. We have to keep this fire lit because the bickering is actually hurting the people who need us the most.
23 Comments
If we the diaspora really care about our people, our Kayyo or our ego shouldn't come first. Our people should come first!!
Korri bakka lamatti tahuun rakkoomiti,rakkoon olola walrratti oofudha,waldiqqeessuudha,tiyya qofaan haataatuudha kun Oromoo keessaa hafuu qaba ykn yaada walii waliif kabajuun waan Ummataaf tolu dalagutu irra wayyaadha;Ummanni keenna lafarraa xurruqii bahee malitti galanii hogganann!Kun dhaabbachuu qaba!
Tokko ta'aa
This is so critical we get right and learn how to work together as one people regardless of political views.
beekkamtii dhunfaaf dhiisnee qabsoo galmaan ga'uuf haa hojjetnu
Unity is strengths.
Jajabadha waali gala yaa oromoo yeroon tan waliratti duulan oso hin tane tan gamtaan waalif birmatan tayyuu qaba obbollewwan abbooti akkasuma obboletin akka hin caalifne dhimma kana irratti
Share this petition
Share this petition to help it reach more people.
Your share link
Couldn't copy automatically. Long-press to copy:

Humna Oromoo isa diinni afaan qawweetiin adda facaasu caalaa nama gaddisiisa masaanuu wal deemuun akkasii. Kanaaf maallaqa Oromootiin bakka 2tti galma walgahii kireeffachuun, tikkeeta xiyyaaraa yeroo 2 kutachuun, dhimma ummata tokkoo wajji hojjachuu mannaa humna qoodameen kophaa kophaa jaatanaahuun alagaa yoo gargaare malee Oromoof bu'aa tokko hin fidu. Kanaaf sagalee mormii fi iyyata ummataa caqasuun haalaan barbaachisaadha. ~FM
If we the diaspora really care about our people, our Kayyo or our ego shouldn't come first. Our people should come first!!
Korri bakka lamatti tahuun rakkoomiti,rakkoon olola walrratti oofudha,waldiqqeessuudha,tiyya qofaan haataatuudha kun Oromoo keessaa hafuu qaba ykn yaada walii waliif kabajuun waan Ummataaf tolu dalagutu irra wayyaadha;Ummanni keenna lafarraa xurruqii bahee malitti galanii hogganann!Kun dhaabbachuu qaba!
Tokko ta'aa
This is so critical we get right and learn how to work together as one people regardless of political views.
beekkamtii dhunfaaf dhiisnee qabsoo galmaan ga'uuf haa hojjetnu
Unity is strengths.
Jajabadha waali gala yaa oromoo yeroon tan waliratti duulan oso hin tane tan gamtaan waalif birmatan tayyuu qaba obbollewwan abbooti akkasuma obboletin akka hin caalifne dhimma kana irratti
More like this
Petition for Emergency ECAA Meeting August 24, 2025 2:00 PM
Urgent Appeal on Government Induced Division s, Necropolitical Policies and Threat of Ethnic Cleansing and Religious Genocide Against Ethiopian Orthodox Tewahedo Church
Share this petition
Share this petition to help it reach more people.
Your share link
Couldn't copy automatically. Long-press to copy:
Petitions like this
Other petitions you might want to support
Looking for similar causes?
Browse similar petitionsScan to share
Anyone who scans this can sign the petition.